Odeeffannoo Dogoggora Waraqaa Sagalee Filannoo Kutaa Mana Maree 67A

Sababa dogoggora barreessaatiin, Kaawuntiin Ramsey waraqaawwan sagalee filannoo namoota hin argamnee kan kaadhimamaa du’e tokko akka kaadhimamaa Paartii Rippaablikaanotaa Aanaa 67A Mana Maree Bakka Bu’oota Uummata Minnesotaa ta’uu isaa dogoggoraan tarreessu kenne. Dhimmichi waraqaawwan sagalee filannoo hunda naannoolee 11 kan kaawuntii Ramsey Aanaa 67A keessatti argaman of keessatti qabata. Dhimmichi kan adda baafame erga sagaleen filannoo namoota hin argamnee eegaleen booda. Waraqaawwan sagalee filannoo Beverly Peterson akka Scott Hesselgrave osoo hin taane akka kaadhimamaa paartii Rippaablikaanotaa Kutaa Mana Maree 67A ttii dogoggoraan tarreessa.

Dhimma kana sirreessuuf, Kaawuntiin Ramsey waraqaawwan sagalee filannoo haaraa, sirreeffame naannoowwan dhiibbaan irra gahe keessatti ni kenna. Minnesota keessatti filataan kamiyyuu waraqaa sagalee filannoo nama hin argamnee kennu Guyyaa Filannoo dura hamma torban tokkootti waraqaa sagalee filannoo isaanii haaraadhaan bakka buusuu danda’u.

Waraqaawwan sagalee hundi kan filannoo osoo hin argaminii fi qaamaan kennamu, Onkoloolessa 3 booda kaadhimamtoota sirrii ta’an ni tarreessa. Waraqaawwan sagalee filannoo sirreeffaman kennamuu osoo hin eegalin dura, waraqaawwan sagalee filannoo namoota hin jirre 1,198 dogoggora qaban filattootaaf ergamaniiruu.

Odeeffannoo filattootaaf

Murtee Mana Murtii Waliigalaa Minnesota irraa kenname hordofuun, Kaawuntiin Ramsey filattoota hundaaf waraqaa sagalee filannoo bakka bu’iinsaa sirreeffame ni kenna. Filannoowwan filattoota waraqaa sagalee filannoo sirrii hin taane argataniif kunooti:

Yoo isin hanga ammaatti waraqaa sagalee filannoo nama hin argamnee hin gaafanne ta’e:

Waraqaawwan sagalee filannoo bakka bu’iinsaa Onkoloolessa 3 booda argaman kaadhimamaa Paartii Rippaablikaanotaa ulaagaa guutuu kutaa mana maree 67A haala sirrii ta’een tarreessa. Waraqaa sagalee filannoo nama hin argamnee gaafachuu dandeessu, akkasumas sagaleen keessan dogoggora kanaan dhiibbaan irra hin gahu.

Yoo waraqaa sagalee filannoo sirrii hin taane fudhattan, garuu hanga ammaatti sagalee hin kennine:

Maaloo waraqaa sagalee filannoo sirrii hin taane gataa, akkasumas ofumaan bakka bu'aan isiniif ergama. Waraqaan sagalee filannoo bakka bu’u kaadhimamaa paartiii Rippaablikaanotaa sirrii Kutaa Mana Maree 67A , Scott Hesselgrave ni tarreessa.

Yoo duursitanii waraqaa sagalee filannoo sirrii hin taane deebistan:

Filattoonni waraqaa sagalee filannoo sirrii hin taane argatanii fi duursanii sagalee kennan sagaleen isaanii lakkaa’amuu fi sirrii ta’uu isaa mirkaneessuuf filannoowwan hedduu qabu.

  • Filannoo 1: Waajjira Filannoowwan Kaawuntii Ramsey 651-266-2171 irratti bilbiluu fi hojjettoota filannoowwanii waraqaa sagalee filannoo bakka bu’aa akka barbaaddan beeksisuudhaan waraqaan sagalee filannoo jalqabaa keessan akka hin lakkaa’amne filachuu dandeessu. Waraqaan sagalee filannoo bakka bu’iinsaa maqaawwan sirrii qabu kaadhimamtoota Aanaa 67A fi waajjiraalee biroo waraqaa sagalee filannoo hundi isiniif kennamu. Waraqaan sagalee filannoo jalqabaa hin lakkaa'amu. Sana booda waajjiraalee waraqaa sagalee filannoo hundaaf waraqaa sagalee filannoo bakka bu’aatiin irra deebitanii sagalee kennuu ni dandeessu. Waraqaan sagalee filannoo bakka bu'aan ni lakkaa'ama.
  • Filannoo 2: Yoo waraqaan sagalee filannoo keessan akka hin gatamne filattanii fi kaadhimamaa du’eef sagalee kennitan, sagalee keessan Aanaa 67A dhaaf kennitan hin lakkaa’amu; sababni isaas kaadhimamichi aangoodhaaf ulaagaa hin guutu. Filannoon keessan waajjiraalee biroo kamiifuu waraqaa sagalee filannoo jalqabaa keessan irratti gootan waraqaa sagalee filannoo bakka bu’iinsaa irratti waraabamee ni lakkaa’ama. Haala akkasii keessatti sagalee Aanaa 67A irraa kan hafe sagaleewwan jalqabaa keessan hundi ni lakkaa’amu.
  • Filannoo 3: Yoo waraqaan sagalee filannoo keessan akka hin gatamne filattanii fi kaadhimamaa du’e irraa kan hafe nama biraa 67A dhaaf filattan, sana booda sagaleen keessan Aanaa 67A dhaaf kennitan ni lakkaa’ama; sababiin isaas sagaleen jalqabaa kaadhimamaa ammallee aangoo qabachuuf ulaagaa guutuuf waan kennameef. Haala akkasii keessatti, Aanaa 67A dabalatee waajjira tokkoon tokkoon waraqaa sagalee filannoo iratti filannoowwan keessan hundi waraqaasagalee filannoo bakka bu’iinsaa irratti waraabamanii ni lakkaa’amu.