Qorachiifamuu

Scroll table right to see more

Gosa qorannoo

Qorannoo Molikiyuulii/PCR Qorannoo qaama alagaa hatattamaa
  • Karaa ifa tahe kan vaayirasii covid-19 ittiin adda baasan.
  • Qorannoon PCR akaakuu (gosa) qorannoo Molikiyuulii keessaa tokko.
  • Qorannaa Molikiyuulii tokko qofaatu barbaachisa- qorannoon dabalataa hin barbaachisu.
  • Yeroo mara Hospitaala yokiin kilinikii keessatti raawwatama.
  • Qorannichi gara laabaraatooriitti waan ergamuuf bu’aan qorannoo guyyaa muraasa turuu mala.
  • Waa’ee Qorannoo PCR ballinaan baradhu.
  • Bu’aan qorannoo daqiiqaa 10-30 jiddutti argama..
  • Bu’aan qorannoo poozitivii yeroo mara isa sirrii fi amansiisaadha.
  • Yoo bu’aan qorannoo kan duraa negetivii tahe qorannoo gosa antiijiin jedhamuu dabalataa tokkoo ol qoratami.
  • Namoota mallattoo hin qabneef haala ifa taheen adda baasuun ni ulfaata.
  • Waa’ee qorannoo qaama alagaa hatattamaa baradhu.

Carraalee Qoratamuu

Namoonni Minisootaa keeysa jiraatan covid-19 qoratamuuf carraa baayyee kan qaban yoo tahu ofiin of qorachuu, Iddoolee qorannaaf hawaasaaf qophaawe kanneen akka kilinikoota, Hospitaalotaa fi Faarmaasiilees kan of keessaa qabuudha.

Meeshaalee Dhunfaan ittiin qorataman

Saffisaan ofiif of qorachuun bakka kamittuu godhamuu dandaha. Akkaataa ittifayyadamaa fi kallattii qorannaa Biiroon Bulchinsa Nyaataa fi Qorichaa (FDA) mirkaneesseen fayyadamuun barbaachisaadha. FDA’n qosoota qorannoo Rapid jedhamuu baayyee isaanii guyyoota itti dhumatan dheeressee jira.

Federal Government

State of Minnesota

  • The MDH free COVID-19 at-home test ordering program has ended.
  • People who do not have health insurance can find no-cost tests using the CDC's COVID-19 Testing Locator.
Scroll table right to see more

Iddo Qoranno COVID-19 itti kennamu

Location Details

Minneapolis - Phyllis Wheatley Community Center

1301 North 10th Ave
Minneapolis 55411

  • Qorannoo hancufaa.
  • Monday: 2WB - 5WB, Tuesday, Thursday: 3WB – 7WB.
  • Kallattiin Qaamaan dhaquuniis kan hayyamamu yoo tahu beellama qabachuus ni dandeessu.
  • Beellama talaallii guutuu.
  • Waldaya gurraachota minisootaatti toora covid-19 argachuuf 612-254-1145 irratti qunnamaa.

Iddoolee hawaasaaf qorannaan itti godhamu barbaadi.