Gatii Qabeenyaa shallaguu fi Gibira

Contact us

Ramsii kaawuntii keessatti dhimmoota gibiraan wal qabatan irratti Waajjirri(biiroon) Madaallii tilmaama gatii gochuun qoqqoodama qabeenyaalees kaahu. Madaaltoonni ogummaa qatii qabeenya tilmaamuu qaban waggaa shan shanitti qabeenyota Ramsii kaawuntii keessa jiran, Appaartimantoota keessa jiraachuuf oolu kanneen lakkoofsaan gara 32,000 tahan, Qabeenyota daldalaa fi Industirii oolan qaamaan iddoo sana deemuun sakatta’insa godhu.

Beeksisa gibiraa fi gatii

Waggaa waggaan baatii Bitootessaa keessa, Biiroon Tajaajila Gibira Qabeenyaa Ramsii kaawuuntii abbootii qabeenyaaf xalayaa poostaadhaan kan ergan yoo tahu xalayichi kan kan of keessatti hammate ergaa:

  • Ibsa gibira qabeenyaa kan bara kanaa (Iddooargama qabeenya sanii, kaawuntii, magaalaa fi toora qabeenya saniis ballinaan kan ibsuudha).

  • Qajeelfamaa fi sanada kafaltii kaffaltii gibira qabeenyaa kan walakkaa waggaa jalqabaa fi lammaffaaf kafalamu.

  • Beeksisa gatii qabeenyaa Kan waggaa itti aanuuf (odeeffannoo gatii tilmaamame irratti mari’achuu ykn gatii tilmaa ol’iyyannoon kaayame dabalatee).

Ibsi xalayicha sana keessatti hammatamu tilmaama gibira qabeenyaa kan bara dhufuuf kaffalamu kan of keessatti hammate yoo tahu kuniis gibira kaawuntii, magaalaa fi naannoo qabeenyi sun jiruuf kafalamu dabalateeti.

Gibira qabeenyaa irraa abbaaf deebisuu

Abbootiin qabeenyaa gama Bulchiinsa mootummaa Minisootaatin qabeenyaa tokkoo fi sanaa ol irratti gibira kafalan carraa isaaniif deebi’uu argachuu danda’u. revenue.state.mn.us