Waa’ee Bulchiinsa Raamsee

Ramsii kaawuntiin jiraattota, abbootii qabeenyaa fi daawwattootaaf tajaajilawwan gosa garaa ballinaan ni dhiyeessa.

Akka qaama walqixxummaa sanyii tarkaanfachiisuuf murannoo qabuu tokkotti jiraattota sanyii fi gosa adda addaa qaban caalaatti tajaajiluuf jecha odeeffannoo dabalataa afaanota hedduudhaan kennuudhaaf hojjechaa jirra.

Jiraattonni hundi sagantaalee fi tajaajiloota kaawuntii irratti odeeffannoo sirrii akka argatan gochuu danda'uun barbaachisaadha

Dhaabbanni kaawuntii kun Garee Tajaajilaa walitti hidhame afuriin kan caaseffame yoo ta’u, isaaniis gargaarsa, sagantaa fi tajaajila naannoowwan(toora):

  • Fayyaa fi Nagayaa
  • Guddina dinagdee fi Invastimantii Hawaasaa
  • Odeeffannoo fi Galmee Ummataa 
  • Nageenyaa fi Haqa

Namoota Minisootaa keessa jiraatu kan 550,000 ol ta’antu Ramsii kaawuntii keessa manaan jiraatu.

Toora meetiropolitaaniitti magaalaalee lakkuu kaawuntii torban jiraniif giddugala kan taate, jiraattota baayyee qabaachuun sadarkaa lammaffaarra jirtuu fi namoonni minisootaa keessa jiraatu gara %10 kan ta’an kan keessa jiraatuudha.

Irra caalaa magaalaa kan taate Ramsii kaawuntiin, kutaa Minisootaa isa xiqqaa fi namoonni baayyinaan keessa jiraatu kan lafa ballina iskuweermaayilii 170 taate qabduudha.

Hawaasni keenya akka biyyaatti iddoowwan hawwataa, iddoowwan hambaalee seenaatiin badhaate, kan hawaasni adda addaa keessa jiraatuu fi carraa baldhaa qabuudha.

Magaalota Ramsii kaawuntii keessa jiran:

  • Seenpool
  • Ardanhiil
  • Bileen
  • Faalkonheeytii
  • Jimleek
  • Laawudirdeel
  • Litil kanaadaa
  • Maappilwuud
  • Maawundisviiw
  • Niwubiraayitan
  • Noorzi ooksii(North oaks)
  • kaaba Seenpool
  • Roosveel
  • Shoorviiw
  • Seen aantanii
  • Ispiring leek paark
  • Vadine’is heeyt
  • Waayitbiir Leek
  • Waayitbiir Toowunshiip

Hoggansa

Boordiin Komishinii imaammata kaawuntii hundeessuun baajataa fi hojii kaawuntii irrattiis to’annoo ni kenna(godha). Tokkoon tokkoon komishinaraa turtii waggaa afuriif kan filataman yoo ta’u, kutaa(distiriktii) teessuma lafaa torba keessaa tokko bakka bu’a.

Sheriif akka itti gaafatamaa olaanaa seera kabachiisu kan kaawuntii ta’ee tajaajila. Sheriif yeroo waggaa afuriif kan filatamu yoo ta’u, Giddugala Tursiisa Ga’eessotaa (mana amala sirreessaa), tajaajila patroolii fi qorannoo dabalatee kutaalee fi hojiiwwan ejensii hunda ni to’ata.

Abbaan Alangaa Kaawuntii itti gaafatamaa olaanaa damee seeraa kaawuntiiti. Abbaan Alangaa kaawuntii waggaa afuriif kan filatamu yoo ta’u, yakkoota raawwataman himachuu, dhimma seeraa irratti kaawuntii bakka bu’uu fi deeggarsa daa’immanii to’achuuf itti gaafatamummaa qaba. 

Hogganaan Kaawuntii Boordii komishinarootaatiin kan muudamu yoo tahu tajaajilli kaawuntii haala gahumsaa fi bu’a qabeessa ta’een hawaasa bira akka gahu dhugoomsa. Hogganaan kaawuntii imaammata Boordii fi Bajata kaawuntii hujiirra oolchuu akkasumaas hoggansa dhiheessuu fi hoggansa tajaajilaa fi hojjattoota dipaartimantiif kallattii kennuudhaaf itti gaafatamummaa qaba.