Fayyaa fi Yaala fayyaa

Contact us

Beginning of tab section with 4 tabs. Left and right arrow keys will navigate between tab navigation links.

Tajaajila Kilinikaalaa

Tajaajiloonni kunniin fi kanneen biroo kan
argaman:
Giddugala Fayyaa Hawaasaa
555 Cedar St.,
Saint Paul, MN 55101
 jirutti.

Adeemsa Talaallii

Warreen Insuraansii hin qabnee fi kanneen
Insuraansiin isaanii guutumatti irraa hin kafalleef
Lilmoo gatii xiqqaan waraannatan

Tajaajiloota Miidhaa Saalaa SOS

Tajaajiloota iccitii miidhamtootaa eeguun
miidhamtoota miidhaa saalaaf saaxilamaniif
kennamu.

Kilinika 555

Kunuunsa fayyaa saalaa fi qorannoon STI/HIV,
ittisaa fi wal’aansa, qorannoo kaansarii harmaa fi
gadameessaa, jijjiirraa siriinjii(lilmoo haaraa)
fayyadamuuf namoota qoricha sammuu nama
hadoochan waraannataniif kan hayyamamuu fi
tajaajila kunuunsa madaa

Fayyaa Maatii

Qorannaa yaala Ijoollee fi Daa’immanii

Maatiin sagantaalee eegumsa fayyaa Minisootaa
keessatti galmaa’an kilinika akka argatan,
beellama akka qabatan, geejjibaa akka itti
qopheeffatan, inshuraansii fayyaa akka argatanii
fi faayidaa akkaataa itti argatan irratti gargaara

Mana maatii daawwachuun

Daawwannaa manaa kan narsoonni Fayyaa
Hawaasaa dubartoota ulfaa, warra dargaggootaa
fi maatii daa’imman hanga waggaa 3 tahan
qabaniif godhamuudha.

Dubartoota, Daa'imman & Ijoollee.: (WIC)

Gorsa soorataa, deeggarsa harma hoosisuu,
soorata gahaa dhiheessuu, fi sagantaalee
hawaasaa kan biroo kan akka dubartoota ulfaa fi
harma hoosisan, dubartoota dhiheenya kana
da’aniif, daa’immanii fi ijoollee hanga guyyaa
dhaloota isaanii shanaffaatti kan gargaaruuf isaan
erguudha.

Gareewwan Deeggarsa Ijoollee Guddisuu

Garee rakkoo maatii fi haala keessa jiran irratti Deeggarsaa barbaachisu godhuuf.:

Gareen Gargaarsa Harmootaa walitti qabama fayyaa hawaasaa ta’ee dubartoota Afrikaanota Ameerikaa ta’an kanneen umuriin isaanii 19 fi isaa olii ta’anii kanneen ulfa fi/yookin ijoollee 0-5 guddisaniidha. 

Gareen Gargaarsa Abbootaa ji’a ji’aan kan walitti qabamu ta’ee dhiirota Aafrikaanota Ameerikaa ta’anii fi abbaa ta’aniif kan kaayyeefateedha.

Sagantaa Marii yokiin walittiqabama hawaasaa ji’a ji’aan dhiiraa fi dubartootaaf kennamuu fi leenjii hubannoo hawaasaa cimsuu irratti xiyyeeffate.

Club Mom walga’ii fayyaa hawaasa dubartoota
Afriikaan Ameerikaa, umuriin isaanii waggaa 19 fi
isaa ol ta’ee fi ulfaa fi/ykn ijoollee guddisan,
waggaa 0-5 guddisan wajjiin godhamu.

Club Dad dhiirota Afriikaan Ameerikaa abbaa
ta'aniif ji'a ji'aan walgahii taa’amuudha

Garee yokiin Namoota deeggarsa harma
hoosisuu ogummaan deeggarame iddoo
barbaadamanitti deemuun gargaarsa godhan.

Tajaajila bilisaa, kan gara manaatti deemuun
deeggarsa akka harma hoosisuu/ qomatti
faxxanfachuu kennuu. Kottaa hubannoo qabdan
qoodaa maatii ulfaa fi harma hoosisan/qoma
hoo’ifachiisan biroo wajjin wal qunnamaa.

Maatii Fayyaalessa

Sagantaan kaawuntii kun mana kee, sii fi maatii keetiif naannoo nageenya qabu akka ta’u gargaaruu danda’a. Balaa liidiin dhufu maqsuu fi
maatii nageenya qabu gochuuf gargaarsi ni jira.

Ogeeyyiin fayyaa naannoo irratti ispeeshiyaalistii tahan maatii fi kennitoota kunuunsa guyyaa — balaa liidiin dhufu ilaaluu fi naannoo liidii irraa
bilisa tahe uumuuf gargaaruu danda’u.

Maatii daa’imman dhukkuba asmii qabaniifiis
deeggarsi ni jira.

Narsiin fayyaa hawaasaa fi ogeessi fayyaa
naannoo irratti ispeeshiyaalistii tahan
daawwannaa manaa gochuun mana keessaa
wantoota asmii kakaasan adda baasuu, tohachuu
fi xiqqeessuuf gargaaruu danda’u.

Meeshaaleen qorannoo raadoonii, gaazii foolii hin
qabnee fi kaansarii sombaa nama qabsiisuuf
sababa olaanaa tahe doolaara lamaan ni
argamu.

 

Back to tab navigation. End of tab content.