Nageenya Ummataa fi Seera

  • Yeroo balaa tasaa , 911 bilbili.
  • Wantoota balaa tasaa hin taaneef, 651-767-0640 bilbilaa.

Yoo shakkii qabda tahe 911 bilbili.

Giddugala Qunnamtii Balaa Tasaa

Giddugalli Qunnamtii Balaa Tasaa Ramsii kaawuntii Minisootaa keessaa isa guddaa yoo tahu - hojjettoonni isaa kutaalee guutuu Ramsii kaawuntii keessa jiraniif humna dhaqqabu poolisii fi kanneeen ibidda toohatan kan raabsan(bobbaasan) yoo tahu waggatti bilbila Miliyoonotaan lakkaahamu keessummeessu.

Akeekkachiisa(dammaqsituu)Balaa tasaaf godhamu.

Akeekkachiisa(dammaqisuu) balaa tasaa kana toora ergaa barreeffamaa, iimeelii ykn bilbila harkaatiin bakka tokko ykn isaa ol irratti akka sibira gahu gochuuf galmaahi. kan akka mana ykn bakka hojii.

Beeksisootaf galmaa'aa

Qunnamtoota Hawaasaa

Qunnamtoonni Hawaasaa kan Ramsii kaawuntii hawaasni nagayaa fi haala fayyaalessa taheen akka jiraatan gochuuf jiddulixummaan giddu-galeessa jijjiirama dhuunfaa fi itti
gaafatamummaa jajjabeessuu irratti hojjatu. 

Hojjettoonni mana amala sirreessaa Ramsii kaawuntii jiddugala(bakka) baayyetti hidhamtootaa fi yakkamtoota ni eegu, ni hordofu,ni yaalu, ni gorsu akksumaas leenjii ogummaa jireenyaa isaaniif fayyadu ni kennu.Bakkoota kanneen keessaa:

 

Waajjira(biiroo) Abbaa Alangaa Kaawuntii

Biiroon Abbaa Alangaa Bulchiinsa Raamsee Waajjirri Abbaa Alangaa Ramsii kaawuntii jiraattota Ramsii kaawuntiif tajaajila haqaa fi nageenya hawaasaa hordofuudhaan, namoota
miidhaaf saaxilamoo ta’an eeguun, tajaajila  seeraa qulqullina qabu hawaasaaf kennuu fi hawaasa keenyaaf bu’aaleen gaariin akka galmaa’aniif hoggansa kenna.

Miidhamtoota yakkaatiif warreen abukaatummaa dhaabbatan

Yeroo Dhimmi yakkaa murtii argatutti abukaatonni keenya kallattiin miidhamtootaa fi ragaalee waliin ta’uun adeemsa mana murtii hunda keessatti deeggarsa, qabeenyaa fi odeeffannoo jiru kennuun miidhamtoonni mirga isaanii akka hubatan taasisu.

Dhimma Mana Barumsaa dhaquu(argamuu).

Barattoonni yeroo baayyee mana barumsaa irraa hafan barnootaan duubatti hafu, kuniis filannoo isaan milkaa’ina gara fuula duraaf qaban duraa daangeessa. Nuti Ijoollee fi maatii waliin ta’uun sababoota ijoolleen mana barumsaa irraa ittiin hafan hubachuu fi gufuulee sana maqsinee akka isaan mana barumsaa fi jireenya keessatti milkaa’aniif hojjenna.

Biiroo Aangawaa Seera fi Sirnaa

Biiroon Aangawaa Seera fi Sirnaa tajaajilawwan seera kabachiisu fi nageenya uummataa heddu laata. Tajaajiloonni kunneenis eegumsa, qorannoo, karaa bishaani fi tajaailoota hawaaasaa uummata naannoo Bulchiinsa Raamsee jiraatanii fi hojii Mana amala Sirreessaa Gaheessotaa (mana amala sirreessaa of keessatti qabata. Akkasumas dippaartimentichi tajaajilawwan nageenya hawwaasa naannoo (kan akka garee SWAT) ni dhiyeessa; dabalataanis mana murtii aanaatiif eegumsa ni taasisa.

Yeroo ammaa Biiroon Aangawaa Seera fi Sirnaa Arden Hills, Falcon Heights, Little Canada, North Oaks, Shoreview, Vadnais Heights fi White Bear Township dhaaaf akka dippartimentii poolisii naannotti gargaara.

Wiirtuu Mana Amala Sirreessaa Gaheessotaa (hidhaa)

Wiirtuun Amala Sirreessaa Gaheessotaa siree 500 kan qabu ta’ee namoota hanga manni murtii murteessutti yeroo hidhaa isaanii eeggataniif tajaajila naga qabeessa fi mijataa ta’e dhiyeessa. Akkasumas manni amala sirreessichaa namoota yeroo murtii eeggatanii fi wabiidhaan bahuu cabsan ni keessumeessa.

Sa'aatiwwan, kallattiiwwanii fi odeeffannoo dabalataa

Miidhamtoota yakkaatiif warreen abukaatummaa dhaabbatan

Yeroo Dhimmi yakkaa murtii argatutti abukaatonni keenya kallattiin miidhamtootaa fi ragaalee waliin ta’uun adeemsa mana murtii hunda keessatti deeggarsa, qabeenyaa fi odeeffannoo jiru kennuun miidhamtoonni mirga isaanii akka hubatan taasisu.

Dhimma Mana Barumsaa dhaquu(argamuu).

Barattoonni yeroo baayyee mana barumsaa irraa hafan barnootaan duubatti hafu, kuniis filannoo isaan milkaa’ina gara fuula duraaf qaban duraa daangeessa. Nuti Ijoollee fi maatii waliin ta’uun sababoota ijoolleen mana barumsaa irraa ittiin hafan hubachuu fi gufuulee sana maqsinee akka isaan mana barumsaa fi jireenya keessatti milkaa’aniif hojjenna.

 

Waajjira poolisiitti Dippaartimantii Sheriif jedhamu (sheriff’s office)

Ramsii kaawuntitti Waajjirri Sheriif tajaajila seera kabachiisuu fi nageenya hawaasaa bal’aa eeguu ni kenna. 

Isaan keessaa tajaajila paatiroolii, qorannoo, eegumsa daandii bishaanii fi tajaajila hawaasummaa hawaasaa Ramsi kaawuntii magalaan ala jiraataniif kennuu fi Giddugala Tursiisa Ga’eessotaa (mana hidhaa) tohachuu(hordofuudha). Dippaartimantiin kun tajaajila nageenya hawaasaa naannoo, garee humna addaa dhimma ariifachiisaa hawaasaa gahumsaan furuu dandahan (kan garee SWAT jedhaman) kan kennu yoo ta’u, mana murtii aanaa(district court)tiif eegumsa nageenyaa ni kennu.  Waajjirri Sheriif kun yeroo ammaa akka poolisii Idileetti tajaajila bu’ura waliigalteetiin kennaa kan jiru yoo tahu isaaniis kutaalee naannoo Arden Hills, Falcon Heights, Little Canada, North Oaks, Shoreview, Vadnais Heights fi White Bear Township jedhaman keessatti kan tajaajila kennaa jiran.

Giddugala Tursiisa Ga'eessotaa (Mana hidhaa).

Giddugalli Tursiisa Ga’eessotaa sireewwan ciisichaa 500 kan qabuu fi himatamuun duratti namoota dhuunfaa qabamuu isaanii hordofee hanga mana murtiin murtiin tokko irratti laatamutti tajaajila tursiisaa nageenyaa fi eegumsa kan kennuudha.

 

Sa'aatii, kallattii fi odeeffannoo dabalataa