Daandiiwwan fi Geejjiba

Contact us

Ramsii kaawuntitti biiroon tajaajila hujiilee ummataa daandiiwwanii fi riqicha fageenya maayilii 300 tahe qaban kunuunsuu fi fooyyessuuf itti gaafatamummaa qabu. Dipaartimantiin kun dabalataan daandiiwwan miilaa, mallattoolee, xurree baaskilii, dhangala’aa bishaanii sababii rooba cimaatiin uumamuu malu tohachuu fi haala geejjiba kaawuntii keenyaa kan biroo irrattis itti gaafatamummaa ni qaba. Boolla, caccabaa karaa irratti gataman ykn balaa biroo daandii Ramsii kaawuntii irratti argaman toora ramseycounty.us/Potholes irratti gabaasuu(eeruu) dandeessu.

Geejjibsiisuu, Biskileetii oofuu fi Miilaan deemuu

Fayyadama bashannanaa dabalatee, daandiin baabura kaawuntii namoota biskileetii oofan fi namoota miilaan deemaniif walitti hidhamiinsa ni kenna. Ramsey County’s Union Depot kan jedhamu wiirtuu geejjibaa tajaajila guutuu kan qabu yoo tahu daandii baaburaa sarara METRO Green Line light jedhamu, daandii otoobisii toora, kan naannoo charter bus jedhamanii fi tajaajila Amtrak kan Chicago fi Seattle gidduutti tajaajil kennan qaba.  Bakka konkolaataa dhaaban, kireeffannaa konkolaataa, konkolaataa waliin fayyadamuu fi biskileetii oofuu fi bakkeewwan namoota miilaan deeman wal qunnamsiisaniis jiru. Odeeffannoo dabalataaf toora UnionDepot.org daawwadhaa.

Kaawuntiin daandii geejjibaa gara fuula duraa hojjatamu karoorsuu fi hujitti hiikuuf michoota isaa waliin hojjeta. Karoorri sarara tajaajila olaanaa Union Depot fi bakkeewwan hedduu gidduutti, Minneapolis - Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa St. Paul/Mall of America fi qarqara naannoo magaalaa lakkuu kallattii bahaa fi kaaba bahaas( eastern and northeastern Twin Cities suburbs) dabalatu irratti hojjetamaa jira.